﻿Kitaaba Faaru'uu.
128.
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti, ka karaa isaa ideemu ka gammade. 
Waan harka keetiin eloottee dhaggatte hin nyaatta; ati hin gammadda; hin milkoottalle'e. 
Niitiin teeti mana keeti keessatti, akka muka woyni'ii ka midhaan buusuu hin teeti; ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti, akka lattuu muka ejersaa hin teeti. 
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu akkana hin eebbifama. 
Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti; bara jiruu teetii mara, qananummaa Yerusaalemii dhaggi. 
Ijoollee ijoollee teetii dhaggi; Nageenni Israa'eliif te'uu ti. 
