﻿Kitaaba Faaru'uu.
127.
Mootiin Waan Maraa mana yoo hin ijaarin, worri mana ijaaru akkasumaan itti elowan; Mootiin Waan Maraa qachaa yoo hin eegin, eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan. 
Mootiin Waan Maraa worra jaalatuuf foora waan kennuuf, bari'iin ka'iis, turanee rafiis, bu'aa hin qabu. 
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti; midhaan gadaamessaa, eebba isaa ti. 
Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu, akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti. 
Nami ilmaan akka daayaa mana guutate gammaduu ti; diinota ifii woliin karra qacha'aa keessatti yennaa wol falme, inni hin qaanowu. 
