﻿Kitaaba Faaru'uu.
126.
Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise, oojjuu nutti fakkaatte. 
Afaan keenna kollaan, arrabi keenna ililleetti'iin guutame. Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti, «Mootiin Waan Maraa waan guddoo isaaniif tolche» jedhante. 
Mootiin Waan Maraa, waan guddoo nuuf godheera; nuutille gammanne. 
Ee Mootii Waan Maraa, Goomolee kibba Kana'aaniitiif akkuma bisaan deebittu, akka dur jirrutti nu deebisi. 
Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane, ilillisaa haammatan. 
Worri sanyii facaasiisaaf, ba'atanee bowaa deemanu, laddee ba'atanee ilillisaa hin deebi'an. 
