﻿Kitaaba Faaru'uu.
125.
Worri Mootii Waan Maraatitti addatu akka gaara Xiyoonii, ka ijjumaa hin tachoone, ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti. 
Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu, ammaa jalqabee haga bara baraa, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin marsa. 
Worri hamaan lafa worra balchoole'ee hin bulchanu; yoo bulchane, kolbaan balchaan waan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti. 
Ee Mootii Waan Maraa, worra dansaa te'eef, worra gadhaa ifii keessatti qajeelaa te'eefille dansaa godhi. 
Ammoo, Mootiin Waan Maraa worra waan hantuu huju, worra karaa dabaalessa ifii gula deebi'e woliin hin gata. Nageenni Israa'eliif te'uu ti. 
