﻿Kitaaba Faaru'uu.
124.
Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraatuu dhabaatee, Israa'el, 
«Yennaa diinoti keenna nu lolanu, Mootiin Waan Maraa adoo nu woliin jiraatuu dhabaatee, 
yennaa aariin isaanii nu irratti bobeette san, silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu; 
silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu; lolaan nu irra garagalaayyu; 
silaa bisaan hamaan nu irra yaa'aayyu» jettuu ti. 
Ilkaan isaanii akka nu kukkutatu ka nu hin lakkisin, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. 
Akka sinbirrooti tiyyoo worra adansuu jalaa baatu, nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane; tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane. 
Maqaa Mootii Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa dadeen, nuuti qarqaarsa dhagganne. 
