﻿Kitaaba Faaru'uu.
121.
Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale; qarqaarsi kiyya eessaa dhufa? 
Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade, Mootii Waan Maraa biraa dhufa. 
Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu; ka si eegu hin mugu. 
Dhugumaan, ka Israa'el eegu hin mugu; hin rafulle'e. 
Mootiin Waan Maraa si eega; Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti; inni midda keeti jira. 
Guyyaa aduun, halkan jiin si hin miidhu. 
Mootiin Waan Maraa Waan hantuu mara irraa si eega; inni jiruu teeti hin eega. 
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega. 
