﻿Kitaaba Faaru'uu.
117.
Gosi biyya adda addaa martinuu Mootii Waan Maraa leellisa'a; kolbaan martinuu isa saada'a. 
Jaalalli isaa ka bara baraa ka inni nu'uuf qabu guddaa waan te'eef, addatamummaan isaa haga bara baraa ti. Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
