﻿Kitaaba Faaru'uu.
115.
Nu'uufii moti, ee Mootii Waan Maraa, nu'uufii moti, sababa jaalalaa fi addatamummaa teetiitiif jedhii, maqaa keeti ulfeessi! 
Gosi biyya adda addaa, «Waaqi isaanii meet» maaf jedhan? 
Waaqi keenna ol-gubbaa jira; waan isa gammachiisu mara godha. 
Waaqoti isaanii ka dharaa meeti'ii fi worqii, harka namaatiin hujante. 
Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu; ila qaban malee, hin dhagganu. 
Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu; funnaan qaban malee, foolee hin fuudhanu. 
Isaan harka qaban malee, qaqqabuu hin dande'anu. Miila qaban malee, hin ideemanu; laagadaan isaaniille qoonqoo hin dhageessisu. 
Worri isaan hujee fi isaanitti dhugeeffatu martinuu, akkuma isaanii hin te'an. 
Ee kolbaa Israa'elii, ka isin qarqaaruu fi isin eegu isa waan te'eef, Mootii Waan Maraatitti addadha'a! 
Ee hayyoota, sanyii Aaronii, inni qarqaaraa keessan; wontee teessanille'e. Mootii Waan Maraatitti addadha'a! 
Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, Mootii Waan Maraatitti addadha'a! Inni qarqaaraa keessan; wontee teessanille'e. 
Mootiin Waan Maraa nu qaabata; nu hin eebbisalle'e; inni kolbaa Israa'elii hin eebbisa; inni hayyoota sanyii Aaronii hin eebbisa. 
Inni worra isa sodaatu, diqqa'aa fi guddaa hin eebbisa. 
Mootiin Waan Maraa isinii fi ijoollee teessan akka hortanu godhuu ti. 
Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa ka dade isin eebbisuu ti. 
Ol-gubbaan ol-gubbootaa ta Mootii Waan Maraa ti; latti ammoo ilmaan namaatiif kennanteerti. 
Worri du'eeru, ka gara cadheessaa gad bu'eeru, Mootii Waan Maraa leellisuu hin dande'u. 
Nuuti worri jirru ammoo, ammaa jalqannee haga bara baraa, Mootii Waan Maraa hin leellifanna; Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
