﻿Kitaaba Faaru'uu.
111.
Mootii Waan Maraa Leellisa'a! Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti, gadhaa tokkochaan ani Mootii Waan Maraa hin saadadha! 
Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o; worri hujii guddoo saniin gammadu marti isii hubatiisa barbaada. 
Wonni inni huje marti ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti; balchummaan isaalle haga bara baraa jabaattee dhaabbatti. 
Mootiin Waan Maraa hujii ifii akka qaabatantu godhe; inni arja'a; mararaalle'e. 
Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna; haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata. 
Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan, hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera. 
Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa; seerri isaa marti addatama'a. 
Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee, addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera. 
Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge; gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje; maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e. 
Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa; worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban; kolbaan haga bara baraa Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte. 
