﻿Kitaaba Faaru'uu.
103.
Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi. 
Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; waan dansaa inni godhe mara hin dedhin. 
Ka cubbuu teeti mara si'iif araaramu, ka dhukkuba keeti mara fayyisu, 
ka jiruu teeti awwaalamuu irraa wodu, ka jaalala bara baraatii fi marartii sii kennu, 
dargaggummaan teeti akka risa'aa akka haareffantu, ka jiruu teeti waan dansa'aan quussu isa. 
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfame maraaf, balchumma'aa fi haqaan huja. 
Inni karaa ifii Muuse'etti, hujii ifii kolbaa Israa'eliititti beessise. 
Mootiin Waan Maraa mararti'ii fi araaraan ka guutame, ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu. 
Inni yennaa mara yakkaa teenna hin laakkowu; haga bara baraa aari'iin hin turu. 
Inni akka cubbuu teennaatitti nu irratti hin huju; akka yakkaa teennaatitti gatii nu'uuf hin kaffalle. 
Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu, worra isa sodaatuuf jaalalli isaa ka bara baraa akka malee gudda'a. 
Akkuma garri aduun baatu gara aduun seentu irraa fagaatu, inni cubbuu teenna nu irraa fageessa. 
Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu, maarre Mootiin Waan Maraalle worra isa sodaatuuf gadhaa laafa. 
Inni attam akka nuuti dadanne waan beekuuf, biyyee akka teene hin qaabata. 
Barri jiruu namaa akkuma marraa ti; akkuma daraaraa badda'aa hin daraara. 
Yennaa qilleensi dhowu daraaraan hin bada; addeen isaalle deebi'ee hin beekkamu. 
Jaalalli bara baraa ka Mootii Waan Maraa ammoo bara baraa haga bara baraatitti, worra isa sodaatu woliin hin jiraata; balchummaan isaalle ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti. 
Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te'a. 
Mootiin Waan Maraa barcumaa mootummaa ifii ol-gubbaa keessatti jabeessee dhaabbateera; mootummaan isaa waan mara bulchiti. 
Isin ergantooti Waaqaa, worri jajannooti jajjabooti ka jecha isaatiif ajajantanee waan inni jedhu gootanu Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
Isin loltooti ol-gubba'aa marti, tajaajiltooti isaa worri fedhii isaa muummessitanu Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
Wonni inni dade marti, mootummaa isaa keessa addee jirtanu maratti Mootii Waan Maraa leellisa'a. Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi. 
