﻿Kitaaba Faaru'uu.
102.
Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya naaf dhage'i; iyyi tiyyalle gara keeti dhuttuu ti. 
Guyyaa rakkinna kiyyaa, fuula keeti na hin dhoffatin; gurra keeti gara kiyya deebifadhu; yennaa ani si waamu, ariifadhuu deebii naaf kenni. 
Barri jiruu tiyyaa akka aaraa dabariisatti jira; lafeen tiyya akka barbada ibiddaa gubatiisatti jirti. 
Gadhaan kiyya madowee akka marraa waan qooreef, sagalee nyaatiisa dadhabe. 
Qoonqoo ol qabadhee waan aaduuf, lafeen tiyya gogaa kiyyatti maxxante. 
Ani akka huummoo goomolee keessaa, akka urunguu waan diigame oddu'uu te'e. 
Hirriiba malee irkadhee bula; ani akka sinbirree qofi-galeettii guutuu manaa irra jirtuu ti. 
Guyyaa mara diinoti kiyya natti murgan; worri natti cooru maqaa kiyya maqaa abaarsaa godhatan. 
Ani daadhaa akka sagale'ee nyaadhe; imimmaan waan unu woliin wolitti makadhe. 
Mufii teeti guddoo irraa ta kaate, ati ol na fuutee gad na gatte. 
Barri jiruu tiyyaa akka gaaddisa galgalaa dabara; ani akka marraa qoora. 
Ee Mootii Waan Maraa, ati haga bara baraa barcumaa mootumma'aa keeti irra teetta; maqaan keeti dhalootaa haga dhalootaatitti hin jiraata. 
Yennaan ati isi'iif gadhaa laattu amma waan dhutteef, ati hin kaata; Xiyoon hin mararta; yennaan murtootte dhutteerti. 
Tajaajiltooti teeti dhakoota isi'iituu hin jaalatan; bututaa isi'ii ka diigameefuu gadhaa laafan. 
Gosi biyya adda addaa maqaa Mootii Waan Maraa, moototi lafaa marti ulfinna isaa hin sodaatan. 
Mootiin Waan Maraa Xiyoon deebisee hin ijaara; inni ulfinna ifiitiin hin mudhata. 
Inni daadimata worra deegaa hin dhage'a; gaaffii isaaniille hin tuffatu. 
Kolbaan amma hin dhalatin akka Mootii Waan Maraa leellittu, wonni kun dhaloota dhufuuf barreeffantuu ti. 
Mootiin Waan Maraa addee woyyittii gubba'aa irraa gad ilaale; ol-gubbaa tee'ee lafa ilaale. 
Inni aadiisa worra hidhameeruu dhage'e; worra duuti itti murante bilisa baase. 
Tanaaf maqaan Mootii Waan Maraa Xiyoon keessatti, leellifamiisi isaa Yerusaalem keessatti laffama. 
Tunille yennaa gosi biyya adda addaatii fi mootummooti Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf wolitti qabamanu teeti. 
Adoo ani dargaggeessaatuu inni jabeenna kiyya casseera; bara jiruu tiyyalle gabaasseera. 
Maarre ani, «Ee Waaqa, ka barri keeti dhalootaa gara dhalootaatitti dabaru, wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti na hin fudhatin» jedhe. 
Dur ati lafa dadde; ol-gubbaalle hujii harka keetii ti. 
Isaan hin badan; ati ammoo hin leeta; isaan akka woya'aa hin dullooman; ati akka uffanaa isaan hin jijjiirta; isaanille hin gataman. 
Ati ammoo yennaa mara sanuma; barri keetiille dhuma hin qabu. 
Ijoolleen tajaajiltoota teetii nageyaan hin le'an; sanyiin isaaniille fuula keeti dura jabaatanee hin le'an. 
