﻿Kitaaba Faaru'uu.
101.
Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha; ee Mootii Waan Maraa faaruu leellisaa sii hin faarsa. 
Ani jiruu komii hin qanne le'a. Ati yoom gara kiyya dhutta? Ani mana kiyya keessa komii malee ideema. 
Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu; ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba; isiin natti hin maxxantu. 
Namooti yaada micciiramaa qabanu na irraa fagaatanuu ti; ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu. 
Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu, hin balleessa; nama nama tuffatuu fi nama kooruuf ani hin ossadhu. 
Akka isaan na woliin le'anuuf, ilti tiyya gara worra addatamaa lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti. Nami karaa komii hin qanne ideemu inni na hin tajaajila. 
Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u; nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu. 
Ani guyyuma guyya'aan worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa; worra hantuu huju mara qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa. 
