﻿Kitaaba Faaru'uu.
100.
Kolbaan lafa irraa marti, Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a. 
Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a; gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a. 
Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a; ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti; nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu. 
Galateeffataa gara karra isaa, leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a; isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a. 
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa, addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti. 
