﻿Kitaaba Faaru'uu.
98.
Inni hujii maade'ee waan hujeef, faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; inni harka ifii middichaa fi irree ifii woyyitti'iin injifateera. 
Mootiin Waan Maraa fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera; balchummaa ifiille gosa biyya adda addaatitti mudhiseera. 
Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii mana Israa'eliitiif yaadateera; worri qaccee lafaa jiru marti fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran. 
Kolbaan lafa irraa marti Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a; gammadaa fi faaru'uun isa leellisa'a. 
Qoonqoo kiraara guddichaatiin kiraaraa guddichaa fi faaru'uun Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
Tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufaa, Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa'a. 
Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le'u marti shookkisanuu ti. 
Lagooti harka dhowanuu ti; gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti. 
Mootiin Waan Maraa kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf, isa duratti faarfatanuu ti. Inni biyya lafaatitti balchumma'aan, kolbaa maratti haqaan hin mura. 
