﻿Kitaaba Faaru'uu.
97.
Mootiin Waan Maraa mooti'i! Latti gammadduu ti; isin worri oddoola abbaaya'aa keessa jirtanulle gammada'a. 
Duumensii fi dukkanti dimmi isa marsaneeran; balchumma'aa fi haqi hundee mootummaa isaa ti. 
Ibiddi dura isaa ideemaa, diinota isa marsaneeranu mara guba. 
Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti; lattille dhaggitee rommiti. 
Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti, gaarri akka gaga'aa hin baqa. 
Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti; kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti. 
Worri fakkii waaqonfatu, ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru marti hin fokkifatan; waaqoti marti isaaf jilbiiffatan. 
Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii worri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan; kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti. 
Ee Mootii Waan Maraa, ati lafa mara irratti Ol Aana'a; ati waaqota mara caalta. 
Worri Mootii Waan Maraa jaalatu, waan hantuu jibbuu ti; inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf, harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa. 
Ifi worra balcha'aaf, gammaddi worra qajeela'aaf baya. 
Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a; maqaa isaa woyyicha leellisa'a. 
