﻿Kitaaba Faaru'uu.
93.
Mootiin Waan Maraa mooti'i; inni arnya uffate; arnya uffatee jabeennaan hidhate. Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatte; isiin ijjumaa hin tachootu. 
Barcumaan mootumma'aa keeti durii duriitii jalqabee dhaabbate; ati bara durii duriitii jalqaddee jirta. 
Ee Mootii Waan Maraa, lagi hedduun ol kakka'e; shookkisiisa ifii ol qabate; danbalii shookkisiisa ifiille ol kaafate. 
Shookkisiisa bisaan jabaa heddu'uu caalaa, danbalii abbaaya'aa hunnaamettii caalaa, Mootiin Waan Maraa ka ol-gubbaa jiru hunnaamessa. 
Ee Mootii Waan Maraa, seerri keeti ka addatame; manni keetille haga bara baraa woyyumma'aan ka miidhage. 
