﻿Kitaaba Faaru'uu.
88.
Ee Mootii Waan Maraa Waaqa fayyinna kiyyaa, ani fuula keeti duratti halkanii fi guyyaa gara keeti iyya. 
Daadimati kiyya si bira gewuu ti; gurra keeti gara iyya tiyya deebifadhu. 
Lubbuun tiyya rakkinnaan waan guutanteef, jiruun tiyya gara addee worri du'e jiruu dhikaatteerti. 
Ani worra gad gara boollaa dhaqu oddu'utti laakkowame; ani akka nama hunna hin qannee te'e. 
Ani akka nama worra du'e keessatti gatamee, akka worra ijjeefamee awwaala keessa ciisuu, akka worra ati deebitee hin qaabannee, ka ati ijjumaa hin qarqaarree te'e. 
Ati boolla qilee, qilee dukkanaa keessa na buutte. 
Mufiin teeti ulfaattee na irra ciitteerti; ati danbalii mufii teetii mara na irra danbalaatteerta. 
Firooti kiyya akka na irraa fagaatanu gooteerta; akka isaan na diqatanu gooteerta; akka ani miliquu hin dandeenne, balbalti natti cufanteerti. 
Ilti tiyya gaddaan caararrootteerti; ee Mootii Waan Maraa, guyyuma guyya'aan ani si waammadha; harka kiyyalle gara keeti diriirsa. 
Ati worra du'eeruuf waan maade'ee hin hujjaa ree? Ekeraan kaatee si leellifattii ree? 
Jaalalli keeti ka bara baraa boolla awwaalaa keessatti, addatamummaan teeti addee badi'ii keessatti hin lallabantii ree? 
Hujii teeti ta bilbaasaa dukkana keessatti, yookiin balchummaan teeti lafa dedhante keessatti hin beekkantii ree? 
Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo, qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya; ganama ganamaan daadimati kiyya si dura dhikaata. 
Ee Mootii Waan Maraa, ati maaf ifi irraa na fageessita? Ati maaf fuula keeti na dhoffatta? 
Ani dargaggummaa tiyya irraa jalqabee, farree du'a geyeera; bararassiisa keeti irraa ka ka'e waan godhu wollaaleera. 
Mufiin teeti na irra buuteerti; bararassiisi keetille na balleesseera. 
Mufiin teetii fi bararassiisi keeti guyyaa guutuu akka lola'aa na marsane; gara maraan karaa natti cufane. 
Ati lansootaa fi jaalota kiyya na irraa fageessite; dukkanti callaan jaala kiyya naaf teete. 
