﻿Kitaaba Faaru'uu.
87.
Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii gaarota woyyoota irratti dhaabe; 
Addee Yaaqoob le'u mara caalaa, Mootiin Waan Maraa seensuma karra Xiyoonii jaalata; 
Ee qachaa Waaqaa, wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti; 
Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'utti Gibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa; worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalle worra achitti dhalate» jedha. 
Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan waan isii jabeessuuf, kolbaan tunii fi sunille, as isii keessatti dhalatte» hin jedhama. 
Mootiin Waan Maraa yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu, «Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa. 
Worri faarsuu fi worri sirbu, «Maddi keenna martinuu Xiyoon keessa jira» hin jedhan. 
