﻿Kitaaba Faaru'uu.
85.
Ee Mootii Waan Maraa ati lafa teeti mararteerta; sanyii Yaaqoobiitiif milkii adde'etti deebitteerta. 
Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta; cubbuu isaaniille mara golliteerta. 
Mufii teeti lakkitteerta; aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta. 
Ee Waaqa fayyisaa keenna, adde'etti nu deebisi; nutti mufatiisa lakkisi. 
Ati haga bara baraa nutti aartaa ree? Aarii teeti dhaloota irraa gara dhalootaatitti dabarsitaa ree? 
Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu, deebittee nu hin jiraachittuu ree? 
Ee Mootii Waan Maraa jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi; fayyisiisa keeti nuu kenni. 
Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu hin caqasa; kolbaan isaa, worri isaaf addatame, gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee, Mootiin Waan Maraa nageya isaaniif waadaa gala. 
Ulfinni isaa lafa teenna keessa akka jiraatu, dhugumaan fayyisiisi isaa worra isa sodaatuuf dhikoo jira. 
Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan; balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan. 
Addatamummaan lafa keessaa latti; balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti. 
Mootiin Waan Maraa waan dansaa hin kenna; latti teennalle midhaan hin baatti. 
Balchummaan dura isaa deenti; tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti. 
