﻿Kitaaba Faaru'uu.
84.
Ee Mootii Waan Maraa ka Waan Mara Dadde, Galmi ati keessa leetu attam attam natti tola! 
Lubbuun tiyya badhinna Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa keessa jiraatiisaaf dharraatee gaggaddi. Gadhaan kiyyaa fi foon kiyya, Waaqa jiraata'aaf ilillisan. 
Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, mootii kiyya, Waaqa kiyya; addee ciinca'aa teetitti, sinbirrooti didiqqoon mana ifii, maddoolle mandhee ilmoolee ifii keyattu ijaarrataneeran. 
Worri mana keeti keessa le'u ka gammade; isaan yennaa mara si leellisan. 
Worri gara gaara Xiyoonii deemiisaaf, gadhaa ifii keessatti dharra'ee, hunna si biraa dhaggatu ka gammade. 
Isaan yennaa dhooqa godde, ta, «Baka» jedhantu keessa dabaranu, addee maddaa isaaniif teeti; bokkeenni furmaataalle dhooqa san keessa haroo eelcha. 
Isaan akkuma deemanuun jabeenna ede'atan; Waaqa Xiyoon keessaa dura hin dhikaatan. 
Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara dande'u, daadimata kiyya dhage'i; Waaqa Yaaqoobii na caqasi. 
Ee Waaqa, wontee teenna ilaali; mooticha muuddeertuuf gadhaa laafi. 
Addee dhibii guyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa, badhinna Galma woyyicha keetii keessa guyyaa tokko ooluu woyya; Dunkaanii worra hamaaleyyi'ii keessa tee'iisaa mannaa, eedduu balbala mana Waaqa kiyyaa te'u naa woyya. 
Mootiin Waan Maraa Waaqi akka adu'uu tii fi akka wonte'ee ti; inni fudhatamaa fi ulfinna akka dhaggatanu hin godha. Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne, waan dansaa hin dhooggatu. 
Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, nami si'itti addatu ka gammade. 
