﻿Kitaaba Faaru'uu.
83.
Ee Waaqa, hin cadhisin; hin sarmin yookiin cadhittee hin ilaalin. 
Amumaayyuu diinoti keeti finqila kaasaneeran; worri si jibbu mataa ifii togeera. 
Isaan kolbaa teeti irratti mala dhowani; worra ati jaalattu irratti mari'atan. 
Isaan, «Maqaan gosa biyya Israa'elii, deebi'ee akka hin qaabatanne, akka isaan kolbaa hin teene, kowaa, isaan balleessinaa» jedhan. 
Yaada tokkoon wolii galanee si irratti mala dhowane; si irratti ka'iisaaf wol gondooratane; 
Isaan kun kolbaa Edoomii, kolbaa Ishimaa'elii, kolbaa Mo'aabiitii fi Aggaarii, 
kolbaa Gebaaliitii fi Amoonii, Amaaleqoota, worra Filisxeemotaatii fi Xiiroosii ti. 
Worri Asooriille isaanitti ede'amanee sanyii Looxii gargaarane. 
Worra Miidiyaanii akkuma goote, laga Qiisoniititti Siisaara'aa fi Yaabiin akkuma goote, isaan kanalle akkasuma godhi. 
Worri sun Endooritti ijjeefamanee, shamanee lafaaf kosii te'ane. 
Qondaaltota isaanii akkuma Oreebiitii fi Ze'eebii, sooressitoota isaaniille akkuma Zeeba'aa fi Xaalmuna'aa godhi. 
Isaan, «Lafa kaloo kolbaa Waaqaa fudhannee teenna godhanna» worra jedhe. 
Ee Waaqa kiyya akka bukuu hobonbolattiin garagaggalchituu, akka huura qilleensi fuudhee deemuu isaan godhi. 
Akkuma ibiddi gongomaa muxuqi godhu, akkuma bobeenni gaara gubu, 
ati bubbee teetiin isaan ari'i; hobonbolattii teetiin isaan bararassi. 
Ee Mootii Waan Maraa, akka isaan maqaa keeti barbaadanu, isaan fokkisiisi. 
Haga bara baraa isaan qaanessiitii naasisi; isaan salphinnaan badanuu ti. 
Isaan maqaan keeti Mootii Waan Maraa akka te'e, ati callaan lafa duudii irratti Waaqa Ol Aanaa akka teete beekanuu ti. 
