﻿Kitaaba Faaru'uu.
82.
Waaqi yaa'ii ol-gubba'aa keessa dhaabbata; waaqota oddu'utti muraa kenna. 
Inni, «Isin haga yoomii muraa sirrii hin te'in murtan? Haga yoomii worra hamaaleyyi'iif golii teetan? 
Worra dadhaba'aa fi ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, dhugaa mura'a; worra hiyyeeyyi'ii fi worra cunqurfamaa haqa isaanii eega'a. 
Worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyii hambura'a; harka worra hamaaleyyi'ii keessaa isaan baasa'a. 
«Worri hamaaleyyiin hin beekanu yookiin womaa hin hubatanu; dukkana keessa deddeebi'an; hundeen lafaa duudiin raafante. 
Anille, ‹Isin waaqota; marti keessanuu ilmaan Waaqa Ol Aana'aa ti› jedhe. 
Te'uu malee, isin akkuma namaa hin duutan; akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe. 
Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef, ee Waaqa ka'ii, biyya lafaa irratti muraa kenni. 
