﻿Kitaaba Faaru'uu.
79.
Ee Waaqa, gosi biyya adda addaa lafa teeti fudhatiisaaf nu lolaneeran; Galma Woyyicha keeti batteessaneeran; Yerusaalemille diiganeeran. 
Reeffa tajaajiltoota teetii allaatti'iif, foon addatantoota teetii bineensaaf sagalee godhaneeran. 
Isaan adaala Yerusaalemiititti, dhiiga isaanii akka bisaanii dhangalaasaneeran; nami isaan awwaalulle hin jiru. 
Nuuti gosa biyya addaa ta ollaa keennaatiif shasha, gosa biyya adda addaa ta adaala keennaatiif, waan murgo'ootii fi waan coora'aa teeneerra. 
Ee Mootii Waan Maraa, kun haga yoomii akkas te'a? Ati haga bara baraa aartaa? Hinaaffaan teeti haga yoomii akka ibiddaa bobeetti ree? 
Mufii teeti gosa biyya adda addaa ta si hin beenne irratti, mootummoota maqaa keeti hin waammanne irralle'etti dhangalaasi. 
Wonni tana gootuuf, isaan kolbaa Yaaqoobii fixaneeran; qe'ee isaanii onsaneeran. 
Yakkaa abbootii teenna ta durii, nutti hin laakkowin; mataa keenna guddoo waan gad qabanneef, marartiin teeti ariiti'iin gara keenna dhuttuu ti. 
Ee Waaqa fayyisaa keenna, ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu qarqaar; maqaa keetiif jedhii nu baasi; cubbuu teennalle nuu araarami. 
Gosi biyya adda addaa maaf, «Waaqi isaanii meet?» jedhanee gaafatan ree? Dhiiga tajaajiltoota teetii ka dhangalaafameef, ila teenna duratti haluu bayiisi keeti, gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkamuu ti. 
Aadiis worra hidhamee si bira gewuu ti; hunna teeti guddo'oon worra duuti itti murante hamburi. 
Ee Gootta'a, arraba worri ollaa keennaa si arrassane, dachaa torba godhiitii itti deebisi. 
Achii duuba nuuti kolbaan teeti, worri tika keeti jala jirru, haga bara baraa si galateeffanna; dhalootaa haga dhalootaatitti si leellifanna. 
