﻿Kitaaba Faaru'uu.
66.
Biyyi lafaa duudiin, Waaqaaf gammadaa ilillisa'a. 
Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a; leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a. 
Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa! Hunni teeti guddoo waan teeteef, diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan. 
Worri lafa irra jiru marti sii sagadan; isaan faaru'uun si leellisan; maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a. 
Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a; inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera. 
Inni abbaayaa gargar kutee, kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irra laga Yordaanosii gamatti buute; nuutille waan inni godheen gammanne. 
Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha; ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi. Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in. 
Ee, gosi biyya adda addaa Waaqa keenna leellisa'a; qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a. 
Inni jiru'uun nu eegee, miila keennalle akka hin mucucaanne godheera. 
Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta; akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu, ati nu dhimbiidde. 
Ati tiyyoo keessa nu galchite; ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette. 
Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote; ibiddaa fi bisaan keessa dabarre; amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache. 
Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena; waan waadaa gale si'iif hin muummessa. 
Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiru arrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate. 
Ciincaa horii cocoomaatii fi ciincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa; korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna. 
Isin worri Waaqa sodaattanu marti, kowa'aa dhage'a'a; ani waan Waaqi naaf godhe hin hima. 
Ani guddisee gara isaa iyye; arraba kiyyaan isa saade. 
Ani cubbuu gadhaa kiyya keessatti adoo dhoffadhee jiraadhee, Goottaan silaa na hin caqasuuyyu. 
Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera; qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera. 
Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif, yookiin jaalala ifii ka bara baraa waan na irraa hin fudhatiniif, Waaqi leellifamuu ti. 
