﻿Kitaaba Faaru'uu.
63.
Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya; ani si barbaada. Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee, lubbuun tiyya si dheebotti; nafi kiyyalle si dharra'a. 
Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti si ilaalee, hunnaa fi ulfinna keeti dhagge. 
Jaalalli keeti ka bara baraa jiruu waan caaluuf, arrabi kiyya si leellisa. 
Ani haga jiru si leellifadha; harka kiyya ol qabadhee, maqaa keeti waammadha. 
Akka sagalee dansaa nyaatteetitti, lubbuun tiyya quutte; afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa. 
Taqee tiyya irratti si qaabadha; halkan duudii marroo teeti yaada. 
Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef, gaaddisa bobaa teetii jalatti, gammadaan faarfadha. 
Lubbuun tiyya sitti maxxanti; harki keeti middichi ol na qaba. 
Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu, qilee lafa jalaatitti gad bu'a. 
Isaan shallaagaa afaan bu'an; jeedalaaf sagalee te'an. 
Mootichi ammoo Waaqaan hin gammada; worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti Waaqa hin leellisa; afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama. 
