﻿Kitaaba Faaru'uu.
61.
Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i; daadimata kiyya caqasi. 
Addii kutadhee, qaccee lafaa irraa si waammadha; Gara rassaa na caalaa ol ka'eeruu san na geessi. 
Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef, diinota kiyya loliisaaf, ati xelleephoo tiyya jaddu'u. 
Ani bara jiruu tiyyaa mara mana keeti keessa le'uu fedha. Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha. 
Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta; qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite naafille kenniteerta. 
Bara jiruu mootichaa irratti woggaa hedduu ede'i; inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti. 
Fuula keeti duratti haga bara baraa isa mootonsi; jaalala keeti ka bara baraatii fi addatamummaa teetiin isa eegi. 
Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan, yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa. 
