﻿Kitaaba Faaru'uu.
58.
Isin bulchitoota, isin dhugumaan waan sirrii te'e hin dubbattanii ree? Isin kolba'atti haqa hin murtanii ree? 
Waawwo'o! Isin gadhaa keessan keessatti waan haqa hin te'in mala dhoottan; lafa irratti hunnaan namatti kaatan. 
Worri hamaaleyyiin gadaamessa haadha ifiitii jalqabanee, karaa irraa goraneeran; haga dhalatanee jalqabanee, karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan. 
Isaan akka dhudhuufa'aa hadhaa qaban; isaan akka buutii gurra duuddu'uu, 
ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu, yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti. 
Ee Waaqa, ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi; Ee Mootii Waan Maraa, worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu, qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi. 
Akka bisaan lola'ee dabaruu badanuu ti; yennaa isaan guubee qopheeffatanu, daayi isaanii tutuma te'uu ti. 
Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te'anuu ti; isaan akka finna du'ee dhalatee, ka ijjumaa ifa hin dhagginii te'anuu ti. 
Isaan akka haasumee jiituu yookiin godduu adoo hin bobe'in, adoo okkotee hin o'isiniin dura qilleensaan haxowantuu ti. 
Worri balchaan Waaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu, gammadaan firinxiixan; miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi'iitiin dhiqatan. 
Yennaa san namooti, «Dhugumaan worri balchaan gatii hin dhaggatan; dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muru hin jira» hin jedhan. 
