﻿Kitaaba Faaru'uu.
54.
Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi; hunna teetiin dhugaa naaf muri. 
Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i; dubbii afaan kiyyaa caqasi. 
Namooti alagaan natti ka'an; worri nama sodaachisu, na ijjeesiisaaf barbaadan; isaan marroo Waaqaa hin yaadanu. 
Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya; Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti. 
Wonni hantuun worra ila diinumma'aatiin na ilaalutti deebituu ti; ati addatamummaa teetiin isaan fixi. 
Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa; Ee Mootii Waan Maraa, maqaan keeti dansaa waan te'eef, ani isa hin leellisa. 
Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef, injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera. 
