﻿Kitaaba Faaru'uu.
52.
Nama hunnaamessa! Hantuu hujiisa keetiin maaf koorta? Jaalalli bara baraa ka Waaqaa haga bara baraa ti. 
Ati ka soba baratte, mala badi'ii dhootta; arrabi keeti akka shiggire'ee ti. 
Ati waan dansaa caalaa waan hantuu, dhugaa dubbii caalaa dhara jaalatta. 
Ati nama sobaalessa! Dubbii nama miitu jaalatta. 
Waaqi ammoo badii bara baraa sitti fidee, mana keeti keessaa butee si baasee, lafa worra jiraata'aa keessalle'ee si hin buqqisa. 
Worri balchooleen waan kana dhagganee, hin sodaatan; achiin duuba sitti kollaa, 
«Nama Waaqatti hin irkanne, ammoo bacinna karra ifiititti ka addatu, ka worra dhibii balleessiisatti jabaatu, kunoo ilaala'a!» hin jedhan. 
Ani ammoo mana Waaqaa keessatti, akka muka ejersaa oshoba; Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti bara baraan itti addadha. 
Waaqa, marroo waan ati hujjeetiif, ani bara baraan si leellifadha. Worra si dhugeeffatu duratti, maqaa keeti dansaa san addi'iin eegadha. 
