﻿Kitaaba Faaru'uu.
51.
Ee Waaqa, sababa jaalala keeti ka bara baraatiif, na marari. Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo'ootiif, yakkaa tiyya haxowii balleessi. 
Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi; cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi. 
Ani yakkaa tiyya waan beekuuf, yennaa mara cubbuun tiyya fuula kiyya dura jirti. 
Ani si irratti ka'ee, si qofa yakkee, waan hantuu si duratti godhe. Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga'a; muraan ati natti murtelle haqa. 
Dhugumaan ani cubbu'uun dhaladhe; yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha. 
Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita; tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa'aa keessatti qarummaa na barsiisi. 
Baala hisoophiitiin fiffixiitii, cubbuu irraa na qulqulleessi; anille hin qulqullowa; na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha. 
Ililleetti'ii fi gammada na dhageessisi; ati na caccassitee butuchitulle ani deebi'ee hin gammada. 
Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu; yakkaa tiyya mara haxowii balleessi. 
Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi; ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni. 
Fuula keeti duraa na hin fageessin; Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin. 
Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san, adde'etti naaf deebisi; akka si'iif ajajamu na qarqaar. 
Achiin duuba ani worra seera keeti yakku hin barsiisa; cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi'an. 
Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa, yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi; arrabi kiyya marroo balchummaa teetii gammadaan ilillisa. 
Ee Gootta'a, afaan kiyya bani; anille arraba kiyyaan si hin leellifadha. 
Ati adoo ciincaa jaalattu teetee, ani silaa si'iif hin dhikeessaayyu. Ati kennansa gubamutti hin gammaddu. 
Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe; ee Waaqa, ati yaada gad jedhee, cubbuu irraa deebi'u hin tuffattu. 
Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi; dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari. 
Achiin duuba ati ciincaa sirrii te'ee fi kennansa gubamutti hin gammadda; addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti dardarooti hin dhikeeffaman. 
