﻿Kitaaba Faaru'uu.
49.
Kolbaan marti tana dhage'a'a! Worri biyya lafaa tana keessa leetanu marti caqasa'a! 
Gudda'aa fi diqqa'aan, dureessaa fi hiyyeessi caqasa'a. 
Afaan kiyya jechoota qarumma'aa dubbata; yaad gadhaa kiyyaa hubantii kenna. 
Ani gurra kiyya gara fakkeennaa deebifadha; hiibboo tiyya kiraaraan hiika. 
Guyyaa wonni hantuun natti dhuttuu fi hamaaleyyiin sobaaleyyiin na marsanu ani maaf sodaadha? 
Worra qabeenna ifiititti addatuu fi durummaa ifii guddo'oon kooru, ani maaf sodaadha? 
Dhugumaan, nami nama wodu, yookiin gatii wodo'oo san Waaqaaf kennuu dande'u hin jiru. 
Gatiin lubbuu namaa akka malee guddo'o; wonni silaa kaffaluu dande'anuuyyuu ijjumaa hin geettu. 
Akka du'ee hin shanne, haga bara baraa akka le'u godhiisaaf ijjumaa hin geettu. 
Qarooleen akka du'anu nami marti hin dhagga; gowwoole'ee fi daalleelle hin badan; qabeenna ifiille worra dhibi'iif lakkisan. 
Lafa maqaa isaaniitiin waammantu yoo qabaatanelle, irreensi isaanii haga bara baraa mana isaanii hin te'a; dhalootaa haga dhalootaatitti addee leetoo isaanii hin te'a. 
Durummaan du'a irraa nama hin hamburtu; nami akkuma hori'ii hin du'a. 
Hireen worra gowwumma'aan ifitti addatuutii fi hordofattoota isaanii, ka waan isaan jedhanu fudhatuu tana. 
Isaan kun akkuma hoole'ee hin du'an; duuti isaan hin tissiti. Worri qajeelaan ganamaan irreensa isaanii irra hin ideema; isaan mana ifii dansaa irraa fagaatanee, addee worri du'e jiru keessatti hin shaman. 
Waaqi gara ifii waan na fudhatuuf, dhugumaan inni lubbuu tiyya hunna addee worri du'e jiruu jalaa hin woda. 
Nami yennaa dureessa te'e, qabeenni mana isaa yennaa dabalame, hin sodaatin. 
Inni yennaa du'u womaa hin fudhatu; karri isaa isa woliin hin awwaalamu. 
Nami bara jiruu ifii mara gammadee, wonni marti isaaf teetee leellifamulle, 
du'ee gara abbootii ifii ta durii, ta deebitee ifa hin dhagginee hin deema. 
Nami karra qabaatee hubantii dhabe, akkuma hori'ii hin du'a. 
