﻿Kitaaba Faaru'uu.
47.
Gosi biyya adda addaa marti, harka keessan dhowa'a; qoonqoo ol qabadha'aatii, Waaqaaf ilillisa'a. 
Mootiin Waan Maraa Ol Aanaan ka sodaatame; inni lafa duudii irratti mootii gudda'a. 
Inni kolbaa hedduu nu'uun jala godhe; gosa biyya adda addaa miila keenna jala galche. 
Sanyii Yaaqoobii ta inni jaalatuuf koora ta teete, lafa nuuti dhaallu inni nu'uuf file; 
Mootiin Waan Maraa Waaqi ililleetti'ii fi qoonqoo tultulla'aatiin ol bayeera. 
Waaqa faaru'uun leellisa'a; leellisa'a; Mootii keenna faaru'uun leellisa'a; leellisa'a. 
Waaqi mootii lafa duudi'ii waan te'eef, faaru'uun isa leellisa'a. 
Waaqi gosa biyya adda addaa irratti mooti'i; Waaqi barcumaa mootumma'aa ka ifii woyyicha irra tee'eera. 
Qondaaltoti gosa biyya adda addaa kolbaa Waaqa Abrahaamii woliin wolitti qabamaneeran; loltooti lafaa marti ka Waaqaa waan te'aneef, inni guddoo saadameera. 
