﻿Kitaaba Faaru'uu.
45.
Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati; wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa; arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti. 
Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga'a; dubbiin teeti arnya qaddi; tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera. 
Ee mooticha janna, ka ulfinnaa fi arnya qaddu, shallaagaa keeti hidhadhu. 
Marroo dhuga'aa, marroo gadhi-laafumma'aa fi balchumma'aatiif, arnya keetiin injifatiisaaf ka'i; harki keeti middichi injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti. 
Daayi keetii ka qarame, gadhaa diina keetii hin woraana; gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan. 
Ee Waaqa barcumaan mootumma'aa keeti, ka bara baraa ti; uleen bokku'uu teetille ulee bokku'uu ta haqaa ti. 
Ati balchummaa jaalattee, hammeenna jibbite; tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee, hari'aa teeti akka caaltu si godhe. 
Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi dakkara irraa hujanteen fiqqitti. Mana mootumma'aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa qoonqoon kiraara guddichaatii fi maseenqo'oo si gammachiitti. 
Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu, ijoolleen durraa ta moototaa jiran; giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle gara harka keeti middaatiin dhaabbatti. 
Ee intala dhage'i! Waan ani jedhu caqasi; kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi. 
Mootichi miidhaginna keetiif si halcha; inni goottaa keeti waan te'eef, isa ulfeessi. 
Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan; worri dureeyyiin si'itti dhikaatiisaaf barbaadan. 
Intalti mootichi fuudhaaru woyaa worqi'iin kuulante uffattee, kolloo ifii keessa jirti. 
Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee, gara mootichaa geeffanti; durri bookarsitooti isi'ii isii gula gara mootichaa hin dhaqan. 
Isaan ililleetti'ii fi gammadaan isii gula mana mootichaa hin seenan. 
Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu'an; ati lafa duudii akka bulchanu hin goota. 
Ani dhaloota mara keessatti gurra keeti hin mudhisa; tanaaf gosi biyya adda addaa bara baraa haga bara baraa si leellitti. 
