﻿Kitaaba Faaru'uu.
43.
(Faaruu 42 irraa itti fufe) Ee Waaqa, naaf muri; worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi; worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi. 
Ati Waaqa ani itti baqadhu; ati maaf na lakkitte ree? Ani diinota kiyyaan cunqurfamee maaf bowaa ideema ree? 
Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi; isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'ii gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti. 
Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaa gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa; ee Waaqa, Waaqa kiyya, ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa. 
Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu. 
