﻿Kitaaba Faaru'uu.
42.
Akkuma gadansi bisaan yaa'u dharra'u, Ee Waaqa, anille si dharra'a. 
Lubbuun tiyya Waaqa, Waaqa jiraataa dheebotti; ani yoom dhaqee fuula isaa dhagguu dande'a ree? 
Kolbaan yennaa mara, «Waaqi keeti meet?» waan naan jettuuf, halkanii fi guyyaa imimmaan sagalee tiyya teeteerti; 
Ani gumii san woliin, gumii jila jilifattu woliin, ililleetti'ii fi faaruu galataatiin, gogeessaan sooressaa gara Galma Waaqaa attam akka deeme yennaa qaabadhu, gadhaan kiyya gaddaan na bada. 
Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu. 
Lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti; tanaaf ani lafa Yordaanosiitii fi kooba Hermoonii irraa, gaara Mizaarii irralle'ee si qaabadha. 
Shookkessa gootuu teetiitiin qileen qilee waanti; hunni guddoon danbalii teetii na gubbaa yaate. 
Mootiin Waan Maraa guyyaa mara jaalala ifii ka bara baraa mudhisa; anille halkan faaruu isaaf dhikeessa; gara Waaqa jiruu tiyyaa daadimadha. 
Ani Waaqa rassaa kiyyaan, «Ati maaf na deete? Diinoti kiyya waan na cunqursaneef, ani maaf bowaa ideema?» jedha. 
Diinoti kiyya yennaa mara, «Waaqi keeti meet?» jedhiisaan na arrassaa lafee na cassan. 
Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu. 
