﻿Kitaaba Faaru'uu.
36.
Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti hammeenna akka yaadatu gooti; Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu. 
Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine, ifumaan ifi sossoba. 
Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi dharaan guutanteerti; inni qarumma'aan hujiisaa fi waan dansaa godhiisa lakkiseera. 
Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata; karaa hamaa ideema; waan hantuu hin didatu. 
Ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa, addatamummaan teetille haga duumensaa hin dhaqqaddi. 
Ee Mootii Waan Maraa, balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti; muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti; ati namaa fi horii, bineensalle hin eedda. 
Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa attam attam ka gatii guddoo qabu! Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti. 
Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan; ati laga keeti gammachiisaa irraa bisaan isaaniif kennita. 
Ati madda jiru'uu ti; nuuti ifa keetiin ifa dhaggina. 
Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa, worra gadhaa-qajeela'aatiif balchummaan keeti irraa hin citin. 
Miilli worra kooruu na hin dhiitin, harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in. 
Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali; isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu. 
