﻿Kitaaba Faaru'uu.
34.
Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa; isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu'u. 
Ani Mootii Waan Maraatiin ifi jaja; worri cunqurfame dhage'ee gammaduu ti. 
Na woliin guddinna Mootii Waan Maraa odeessa'a; maqaa isaa tokkumma'aan leellinnuu ti. 
Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, innille deebii naa kenne; waan sodaadhu mara jalaa na baase. 
Worri gara isaa ilaalu, fuulli isaanii hin ifa; isaan hin salphatanu. 
Namichi rakkataan kun isa waame, Mootiin Waan Maraalle isaaf dhage'e; rakkinna isaa mara keessaa isa baase. 
Ergamaan Mootii Waan Maraa adaala worra isa sodaatuu hin qubata; inni balaa jalaa isaan hin baasa. 
Mootiin Waan Maraa attam attam dansaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a; nami isatti baqatu ka gammade. 
Worri Mootii Waan Maraa sodaatu womaa waan hin dhanneef, isin worri isaaf woyyoontane, Mootii Waan Maraa sodaadha'a. 
Dardarooti neenqaatuu dhabanee hin beelotan; worri Mootii Waan Maraa barbaadu ammoo waan dansaa hin dhabu. 
Ee ijoolle! Gara kiyya kowa'aatii, na caqasa'a; ani Mootii Waan Maraa sodaatiisa isin hin barsiisa. 
Ka jiruu jaalatu, waan dansaa dhaggiisaafille bara hedduu ka halchu eennu? 
Arraba keeti waan hantuu irraa, hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu. 
Waan hantuu irraa fagaadhuutii, waan dansaa godhi; nageya barbaadiitii, gula deemi. 
Ilti Mootii Waan Maraa gara balchoole'ee ilaalti; gurri isaalle iyya isaanii caqasa. 
Mootiin Waan Maraa worra waan hantuu huju hin morma; lafa irratti akka isaan hin qaabatanne godha. 
Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu, Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage'a; inni rakkinna isaanii mara keessaa isaan hin baasa. 
Mootiin Waan Maraa worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira; inni worra addii kutateeru hin baasa. 
Rakkoon balcha'aa baca'a; Mootiin Waan Maraa ammoo waan mara keessaa isa hin baasa. 
Inni lafee isaa mara hin eega; lafee isaa keessaa takkaalle hin caddu. 
Hammeenni nama hamaa hin ijjeesa; worra nama balchaa jibbu yakkaan itti hin muranti. 
Mootiin Waan Maraa jiruu tajaajiltoota ifii hin woda; worra gara isaa baqatu keessaa tokkolle'etti yakkaan itti hin murantu. 
