﻿Kitaaba Faaru'uu.
29.
Isin ergantooti Waaqaa, ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a. 
Ulfinna maqaa isaatiif, Mootii Waan Maraa leellisa'a; Arnya woyyummaa isaatiif, Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a. 
Qoonqoon Mootii Waan Maraa abbaayaa guddittii irraa dhage'anti; Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa abbaayaa irraa mandi'a. 
Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i; qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i. 
Qoonqoon Mootii Waan Maraa hindheensa caccassiti; Mootiin Waan Maraa hindheensa Libaanoniituu hin caccassa. 
Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii, gaara Siiriyoniille akka ilmee gafarsaa hin burraassisa. 
Qoonqoon Mootii Waan Maraa balaqqeettii balaqqitti. 
Qoonqoon Mootii Waan Maraa goomolee tachootti; Mootiin Waan Maraa goomolee Qaadeshii hin tachoosa. 
Qoonqoon Mootii Waan Maraa qilxaan akka hargufamu gooti; baala muka badda'aa hin harcaatti; worri addee inni jiruu martinuu, «Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan. 
Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha; Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha. 
Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna; nageyalle'een isaan eebbisa. 
