﻿Kitaaba Faaru'uu.
23.
Mootiin Waan Maraa tissee kiyya; ani womaa hin dhabu. 
Inni marra bisilee keessatti akka ani foorfadhu godha; gara bisaan dansa'aa na geessa. 
Inni jabeenna haareya naa kenna; maqaa ifiitiif jedhee daandii balchaa irra na sooressa. 
Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle, ati waan na woliin jirtuuf, Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu. Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan. 
Adoo diinoti kiyya dhagganuu, ati nyaata naaf qopheessita. Mataa kiyya zayitii ejersaa muudda; muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati. 
Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara, dansummaan teetii fi marartiin teeti na gula deeman; bara le'ii tiyyaa mara mana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a. 
