﻿Kitaaba Faaru'uu.
20.
Guyyaa rakkinna keetii Mootiin Waan Maraa si'iif dhage'u! Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu! 
Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa qarqaarsa si'iif ergu; gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu. 
Inni kennansa keeti mara fudhatee ciincaa keeti maratti gammaduu ti. 
Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu; yaada keeti mara sii guutu. 
Yennaa ati injifatte nuuti gammadaan hin ilillinna; Waaqa keenna leellisiisaan baandiraa keenna ol kaafanna; Mootiin Waan Maraa waan ati gaafate mara si'iif guutu. 
Mootiin Waan Maraa ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka; inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa deebii isaaf hin kenna; harka ifii middichaan injifachaa guddoo isaaf hin kenna. 
Worri gariin garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti, worri gariin fardoo ifiititti addata; nuuti ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna. 
Isaan gufatanee hin jigan; nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna. 
Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi! Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage'i! 
