﻿Kitaaba Faaru'uu.
19.
Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti; gubbaan hujii harka isaa lalladdi. 
Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa; halkanille halkan itti aanutti woma kana hima. 
Dubbiin yookiin jechi hin jiru; qoonqoon isaanii hin dhage'antu; 
Te'uu malee ergaan isaanii biyya lafaa duudi'itti baatee, haga qaccee biyya lafaa geetti. Inni adu'uuf gubbaa irratti dunkaanii dhaabe. 
Aduun akka waajiba diinqa ifiitii gad bayuu baati; akkuma nami rukkee wol doggommi'ii rukkisu gammadaan rukkisu, aduun rukkee wol doggommi'ii rukkisiisaaf gammaddi. 
Aduun dhuma qaccee gubba'aa taan irraa ol baatee, gara qaccee taanii qaxxaamurti; wonni o'a isi'ii duraa dhokatu hin jiru. 
Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu; lubbuu haaressa. Ajaji Mootii Waan Maraa addatama'a; nama gowwaa qaroo godha. 
Seerri Mootii Waan Maraa sirri'i; gadhaa nama gammachiisa. Ajaji isaa ifa; Ila namaa bana. 
Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha; yaadi kun haga bara baraa jiraata. Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga'a; isiin yennaa mara haqa. 
Worqii gatii guddo'oo caalaa, worqii baqisiisanee qulleessane caala'aayyuu gatii qaddi. Damma caalaa, nadhii dammaa caalaa mi'ootti. 
Ani tajaajilaan keeti isi'iin gorfama; isii eegatiisaan gatii guddoo dhaggadha. 
Ka dokonkora ifii dhaggu eennu? Cubbuu tiyya ta dhokatte irraa na qulqulleessi. 
Cubbuu beekaa hujanu irraa na garbicha keeti eegi; akka isiin na mootu hin eeyyamin. Yoos ani ka komii hin qannee fi ka yakkaa guddoo hin qanne hin te'a. 
Ee Mootii Waan Maraa, rassaa kiyyaa fi wodoo kiyya! Jechi afaan kiyyaatii fi yaadi gadhaa kiyyaa si duratti fudhatama qabaatanuu ti. 
