﻿Kitaaba Faaru'uu.
17.
Ee Mootii Waan Maraa, gaaffii tiyya ta haqaa dhage'i; iyya tiyya caqasi. Gurra keeti gara daadimata kiyya ka soba hin te'inii deebifadhu. 
Ilti teeti waan sirrii te'e waan dhaggituuf, muraan tiyya si biraa naa dhuttuu ti. 
Gadhaa kiyya yoo qorqorte, halkaniin gara kiyya dhuttee, yoo haga na ilaalte, hammeenna na keessatti hin dhaggitu; afaan kiyyalle cubbuu hin dubbatu. 
Jecha afaan keeti keessaa bayuuf ajajamee, waan namooti hujanu irraa, karaa isaan hunnaan nama irratti ka'anu irralle'ee, ifi eeggadheera. 
Ideensi kiyya daandii teeti eegateera; miilli kiyyalle hin fallaanne. 
Ee Waaqa, ati waan naa dhageettuuf, ani si waammadha; gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, jecha kiyya dhage'i. 
Worra sitti baqatu, harka keeti middichaan diinota isaanii jalaa isaan ka baachu, jaalala keeti ka bara baraa san baasa godhii isaanitti mudhisi. 
Akka ila teetii na eegi; bobaa teetii jalatti na dhossi. 
Hamaaleyyii hunnaan na irratti ka'ane, diinota kiyya worra hamaa na marsane irraa na eegi. 
Isaan gadhaa jabaataneeran; afaan ifiitiin koora dubbatan. 
Isaan ari'anee na marsaneeran; lafatti gad na dhowiisaaf, ilaan na qabataneeran. 
Isaan akka neenqa waan adanse kukkutatiisa fedhee, akka neenqa dardaraa ka riphee wo gaaduu ti. 
Ee Mootii Waan Maraa ka'iitii, lolii isaan gad dhowi! Shallaagaa keetiin hamaaleyyii jalaa na baasi. 
Mootii Waan Maraa, harka keetiin worra jiruu biyya lafaa tana keessatti waan barbaadanu mara qabanu jalaa na baasi. Ati rakkinna isaaniif kuucheen isaan adabi; rakkinni kun ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaaniitiifille akka te'u godhi. 
Ani balchumma'aan fuula keeti hin ilaala; ani yennaa dammaqu, bifa keeti dhaggee hin quufa. 
