﻿Kitaaba Faaru'uu.
15.
Mootii Waan Maraa, Dunkaanii Woyyittii teeti keessa eentu jiraatiisa dande'a? Kooba keeti woyyicha irra eentu le'uu dande'a? 
Worra komii hin qannee fi ka waan balchaa te'e huju, ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu, 
ka maqaa namaa hin balleessine, ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye, ka ollaa ifii hin hamanne. 
Worra hamoolee ka tuffatu, worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu. Ta isa miitu teetelle waan waadaa gale ka muummessu. 
Beesee ifii dhala malee ka liqeessu; worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf safuu ka hin fudhanne. Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu. 
