﻿Kitaaba Faaru'uu.
14.
Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti, «Waaqi hin jiru» jedhan. Isaan worra bada'a; waan gadhee hujan; isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru. 
Worri qarooleen Waaqa barbaadu yoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gara ilmaan namaa gad ilaala. 
Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee, martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran. Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; tokkolle hin jiru. 
Mootiin Waan Maraa, «Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? Akkuma nami sagalee nyaatu worri kolbaa tiyya nyaatu, isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha. 
Mootiin Waan Maraa worra balchoota woliin waan jiruuf, worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran. 
Isin hamaaleyyiin karoora worra gad aana'aa hin gufachiittan; Mootiin Waan Maraa ammoo isaaniif addee isaan itti baqatanu. 
Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa'eliitiif adoo dhufee jiraatee! Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba'aa deebisu, sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi; kolbaan Israa'elii hin gammaddi. 
