﻿Kitaaba Faaru'uu.
13.
Ee Mootii Waan Maraa, ati haga yoomii na deeta? Haga bara baraa tii? Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta? 
Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha? Haga yoomii gadhaan kiyya halkanii fi guyyaa gaddaan guutama? Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan? 
Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi. Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi; akka du'u na hin godhin. 
Diinoti kiyya, «Isa injifanne» jedhanee akka kooranu, nyaapholeen kiyyalle jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin. 
Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera; gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada. 
Mootiin Waan Maraa waan dansaa waan naa godheef, ani isaaf hin faarfadha. 
