﻿Kitaaba Faaru'uu.
11.
Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera. Isin attam anaan, «Akka simbirre'ee gara gaara keetii baqadhu!» jettan? 
Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera; dukkanaan worra addatama'atti darbatiisaaf, daaya ifii itti qajeelfateera. 
Hundeen waan dansa'aa marti yoo badde, nami balchaan maan godhuu dande'a ree? 
Mootiin Waan Maraa Dunkaanii Woyyittii ifii keessa jira; ol-gubba'atti barcumaa mootumma'aa ka ifii qaba. Inni ilmaan namaa ilaala; ilti isaalle isaan qorqorti. 
Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala; hamaaleyyi'ii fi worra hunnaan nama irratti ka'u ammoo hin jibba. 
Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irratti kashila ibiddaatii fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa; qilleensi gubu hiree isaanii hin te'a. 
Mootiin Waan Maraa balchaa waan te'eef, inni hujii balchootaa hin jaalata; worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga. 
