﻿Kitaaba Faaru'uu.
10.
Ee Mootii Waan Maraa, ati maaf fagaattee dhaabbatta? Yennaa nuuti rakkannu maaf ifi dhoffatta? 
Hamaaleyyiin kooraan worra hiyyeeyyii ari'an; maluma namatti dhowane saniin ifumaaf qabaman. 
Nami hamaan halchaa gadhaa ifiitiin koora; inni worra joljolu eebbisee, Mootii Waan Maraa abaara. 
Nami hamaan waan kooruuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa keessa Waaqi hin jiru. 
Wonni marti isaaf hin teeti. Inni muraa Waaqaa hubatuu hin dande'u; diinota ifii mara irratti hin murga. 
Inni gadhaa ifii keessatti, «Wonni na tachoosu hin jiru; dhaloota mara keessatti rakkinni na hin dhaqqabu» jedhee yaadata. 
Afaan isaa abaarsaan, dharaa fi sodaachisiisaan guutameera; inni arraba ifiitiin maltumma'aa fi waan hantuu dubbata. 
Inni ollaa cina'atti riphee, worra qarqaarsa hin qanne gaada; worra yakkaa hin qanne hin ijjeesa. 
Inni akka neenqaa dhokatee gaada; worra hiyyeeyyii qabiisaaf gaada; inni tiyyoo ifiitiin worra qarqaarsa hin qanne qabee harkisa. 
Worri hiyyeeyyiin jiganee bututan; hunna isaa jalatti hin jigan. 
Nami hamaan gadhaa ifii keessatti, «Waaqi dedheera; fuula ifii gollateera; inni ijjumaa hin dhaggu» jedha. 
Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Ee Waaqa hunna teeti mudhisi! Worra qarqaarsa hin qanne hin dedhin. 
Nami hamaan maaf Waaqa tuffata? Maaf gadhaa ifii keessatti, «Inni na hin adabu» jedha ree? 
Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo hin dhaggitta; rakkinnaa fi gadda dhaggitee yennaa mara qarqaarsaaf hin qophootta. Worri rakkataan harka keetitti ifi kennata; atille ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne hin qarqaarta. 
Hunna nama hama'aa cassi; nami waan hantuu huju haganaa achi deebi'ee waan hantuu akka hin hunye, isa adabi. 
Mootiin Waan Maraa bara baraa haga bara baraa mooti'i; gosi biyya adda addaa worri waaqota dhibii waaqonsu lafa isaa irraa hin badan. 
Ee Mootii Waan Maraa, ati daadimata worra gad aana'aa hin dhageetta; ati iyya isaanii caqattee, isaan hin jajjabeessita. 
Nami lafaa ka foon uffate worra dhibii akka hin bararassine, worra cunqurfameef, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef haqa hin murta. 
