﻿Kitaaba Faaru'uu.
9.
Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa; baasa ati goote mara hin odeessa. 
Ani sitti gammadee hin burraaqa; Waaqa Ol Aana'a, ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa. 
Diinoti kiyya gara duubaa yennaa deebi'anu, isaan gufatanee fuula keeti duraa badan. 
Ati haqa kiyyaa fi haajaa kiyya waan ilaalteef, barcumaa mootumma'aa keeti irra teettee, muraa haqaa murteerta. 
Ati gosa biyya adda addaa xixxee, hamaaleyyii balleessite; maqaa isaaniille bara baraa haga bara baraa haxoottee balleessite. 
Diinoti keenna haga bara baraa dhumataneeran. Qachooti gugurdaan isaanii badaneeran; Duufeyi isaaniille ijjumaa badeera. 
Mootiin Waan Maraa ammoo haga bara baraa bulcha; inni mura'aaf, barcumaa mootumma'aa ka ifii jabeessee dhaabbateera. 
Inni balchumma'aan biyya lafaa hin bulcha; gosa biyya adda addaa haqaan bulcha. 
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef, addee itti baqatanu; yennaa rakko'oo dalleya jaba'a. 
Ee Mootii Waan Maraa, ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef, worri maqaa keeti beeku sitti addata. 
Mootii Waan Maraa ka Xiyoon keessa te'ee bulchuuf, faaruu leellisaa faarsa'a. Waan inni godhe mara gosa biyya adda addaa oddu'utti odeessa'a. 
Inni dhiiga dhangala'eef haluu hin baya; iyya worra cunqurfameelle hin dedhu. 
Ee Mootii Waan Maraa, naaf marari. Rakkoo diinoti kiyya natti fidanu ilaali; du'a irraa na hamburi. 
Achiin duuba ani karra qachaa Xiyoonii keessatti waan ittiin si leellisu mara isaanitti hin hima. Ati waan na fayyitteef, gammadaan firinxiixa. 
Gosi biyya adda addaa boolluma ifii qotane bu'ane; miilli isaanii tiyyuma isaan afaneen qabame. 
Mootiin Waan Maraa, muraa ifii balchitti'iin ifi beessise; hamaaleyyiin hujuma harka ifiitiin qabamane. 
Worri hamaaleyyi'ii fi gosi biyya adda addaa ka Waaqa dedhu marti, gara addee worri du'e jiruu gad hin bu'an. 
Worri rakkataan ammoo yoomille hin dedhamanu; addiin worra hiyyeeyyi'iille haga bara baraa baddee hin hattu. 
Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Nami hin mootomin; gosi biyya adda addaa si duratti muraa dhaggattuu ti. 
Ee Mootii Waan Maraa, akka isaan si sodaatanu godhi; nama foon uffate te'uu isaanii akka beekanu godhi. 
