﻿Kitaaba Faaru'uu.
8.
Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna! Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a! Ulfinna keeti ol-gubbaa irratti diriirsiteerta. 
Diinota keeti loliisaaf, nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf, afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan harma hootuutiin, hunna qopheessite. 
Ani ol-gubbaa ati dadde, hujii harka keetii, ji'aa fi urjoota ati dadde yennaa ilaalu, 
akka ati isaaf yaadattuuf, nami maan inni? Akka ati isa kunuunsituuf, ilmi namaa maan inni? 
Ati diqquma Waaqa isa hanqittee, kallacha guddinnaa fi ulfinnaa itti keette. 
Hujii harka keetii mara irratti bulchaa isa gootee, waan mara baallii ilma namaatiin jala goote. 
Hoole'ee fi loon mara, bineensota, 
sinbirrootaa fi qurxummii mara, dada abbaayaa keessaa mara baallii ilma namaatiin jala goote. 
Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna! Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a! 
