﻿Kitaaba Faaru'uu.
1.
Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne, ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne, ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne, ka gammade. 
Nami akkasii ammoo seera Mootii Waan Maraatiin gammada; halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata. 
Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee, yennaa yenna'aan midhaan buusuu, ka baalli isaa hin qoorree ti. Wonni inni huju marti isaaf hin teeti. 
Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti; isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti. 
Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu; cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessatti hin dhaggamanu. 
Tanaaf, Mootiin Waan Maraa karaa balchootaa hin beeka; karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada. 
